• Sat. Jan 3rd, 2026

Ergamtoonni murna PP Godina Lixa Wallaggaa keessatti namoota hidhuu fi achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ifoome

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Murni badee balleessaan bilxiginnaa ofii badiisa irraa dandamachuu hin dandeenye keessa galee jiru namoota siyaasa kam keessa quba hin qabne maqaa garaa garaa itti maxxansuun mana isaanii keessaa qabee hidhuun jiruu fi jireenya uummata Oromoo balleessaa jira.

Bara bulchiinsa bilxiginnaa Oromoon Oromummaa isaa qofaan yakkamuun qabamee as buutee dhabamaa jiru kana keessatti ilmaan oromoo jumlan hidhamuu, saamamuu, ajjeefamuun daguugamaa jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti namoonni nagaan kaabinoota sirnichaan badii tokko malee mana hidhaa godinichaa fi aanichaa keessatti dararaa hamtuu argaa jiraachuu maddeen dubbatan.

Mana hidhaa aanaa Qondaalaa keessatti balleessaa tokko malee namoonni 45 hidhamanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu ga’e Jamaal Aliyyii, Maamnee Eliyaas, jiraataa Aanaa Begii, Maatii Maammudee Haaj Jamaal, Maatii Gammee fi Sheek Tamaam Boonsaa kan jedhaman yoo ta’u, mana hidhaa godinichaa magaalaa Gimbii keessattis namoonni 215 badii tokko malee dararamaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Namoota achitti hidhamanii jiran keessaa kan maqaan nu ga’e Solomoon Daaqaa, Yaayyaa Haaj Umar, Bulchaa Barii fi Saadiq Raasimoo kanneen jedhaman ta’uu maddeen ONMtti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading