ONM-ABO Caamsaa 15, 2024
Hawaasa dararuu qofa hojii kan godhate waraanni PP, godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Adulaan jedhamu keessaa Caamsaa 12, 2024 uummata irratti dhukaasa banuun mana namoota hundaa sakattaa hamaa irratti taasisaa turuun dubbatama.
Nama maqaan isaa Olumaa Beenyaa jedhamu rasaasa itti qiyyaafachuun rasaasni bira darbuu kan himame yoo ta’u, erga lubbuun isaa hafees reebicha hamaa irraan gahan jedhu jiraattonni.
Dabalataanis maanguddoo kan ta’aan abbaa isaas obbo Beenyaa Jabeessaa kan jedhaman reebicha ulfaataa irraan gahuun daqiiqaa muraasaaf of wallaalee akka ture jiraattonni gandichaa himuun, maatii isaa hundas jilbeenfachiisanii reebichaa fi doorsisa hamaa irratti raawwachuun ibsameera.
