• Thu. Mar 19th, 2026

Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti uummata nagaa hidhuun cimee itti fufee jira

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Uummata meesha maleessa waa of harkaa hin qabne hiriyaa godhatee kan itti dhaadachaa oolu waraanni maafiyaa PP godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Waradii Somboo Disaasaatti namoota maqaan isaanii Obbo Rattaa Cimdeessaa, Kifilee, Maatii Dachaasaa Darajjee, Obbo Gabayyoo Taaffasaa, Gammachuu fi namoota hedduu qabanii hidhuun mana hiraarsaatti rakkisaa jiru.

Kana malees, namoota hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii kan jiran yommuu ta’u, kunis badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf kan hidhaman ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Dabalataanis, godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaattis hidhaan hammaatee jiraachuun deggeraa WBO’ti” maqaa jedhuun namoota siyaasa kam keessa illee hin jirre maqaa meeqa itti maxxansuun hidhuun akkuma itti fufetti jira.

Aanaa Diggaa ganda Burqaa Guddinaa keessaa namoonni badii tokko malee hidhamanii fi qabeenyi isaanii jalaa saamame hedduu yommuu ta’an, isaan keessaa muraasni: Fufaa Badhaasaa, Eliyaas Kabbadaa, Iddoosaa Marabbaa, Guddataa Bantii fi Taarraqaa Mankiraa jedhaman jalaa meeshaalee mana keessaa guutummaatti caccabsanii dunkaana isaanii jalaa saamuun midhaan isaanii ammoo kuntaala uruun dhangalaasanii waajjira Poolisii aanaa Diggaatti hidhanii jiraachuu ONM odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading