• Sun. Jan 11th, 2026

Murni maafiyaa PP aanaalee Godina Baha Harargee keessatti hidhaa, dargaggoota humnaan ukkaamsee dirree waraanaatti erguu fi reebicha jiraattota irratti hammeessee jira.

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Faashistichi impaayera Itoophiyaa kolonel Abiy Ahimed teessoo barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf uummata nagaa fedhii fi dandeettii waraanummaa hin qabne jiruu idilee isaanii irraa guuree lola isaan hin ilaallanne irratti bobbaasuun lubbuu namoota nagaa obbaasaa oolu gocha diinummaa isaa oromoo irratti itti fufee jira.

Impaayera Itoophiyaa raafama hamaa keessa jirtu deebisanii ijaaruuf akkasumas sirna abbaa irree Oromoo irratti dagaagsuuf halkanii fi guyyaa daguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa kan jiran ergamtoonni bilxiginnaa afaan qawween doorsisuun uummata hiraarsaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan aanaalee godina Baha Harargee kanneen akka, Malkaa Bal’oo, gandoota akka Makkaniisaa, Tokkummaa Jaalalaa, Caffee Wal tahaa, Dhaaba Kanniisaa, Bokkoo Jaalalaa, Haqa Mul’is, Waldaa Misoomaa fi bulchiinsa magaalaa Jaajaa keessatti dargaggoota humnaan qabuun harka duubatti hidhanii waraanaatti ergaa kan jiranii fi kanneen didan ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun gariin ammoo hidhaatti galchanii rakkisaa akka jiran maddeen gabaasan.

Kana malees godinuma kana keessatti onoota akka Gola Odaa magaalaa Burqaa fi Ona Qumbii magaalaa Minoo keessatti gochoota kana raawwachaa jiraachuu fi namoota qabeenya qaban maqaa ijoollee keessan waraanatti erginaan erga qabaniin booda maallaqa doorsisni irraa fudhachaa akka jiranis maddeen dabaluun ifoomsan.

Jiraattoonni taatee kun irratti jabaachaa jiru gariin qe’ee gadhiisanii bosonatti galuun Gaara keessa jiraachaa kan jiranii fi gariin ammoo gara magaalaa Dirree Dhawaatti baqatanii rakkachaa akka jiran jiroottoonni rakkoon kun irra ga’aa jiraa ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading