ONM-ABO Caamsaa 22,2024 Sirni heera uumaa fi seerota barreefamoo ifa galoo jiru cabsuun, gochoota hammeenyaa saba Oromoo irratti godhu bilxiginnaan, bara gara aangootti dhufee kaasee daa’immanii qabee hanga haadholiitti gochoota dabaa irratti raawwatu jabeessee jira.
Akka kanaanis Kibxata kaleessaa Caamsaa 21, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessatti haadhi ulfaa da’uumsaaf hospitaala deemaa turte, waraana gabroomfataa PP’n gara laafina tokko malee ajjeefamuun himame.
Maqaan haadha kanaas Abaaboo Taayyee kan jedhamtu yoo ta’u, gara laafina tokko malee waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimadiin bobbaafamaniin magaalaa keessatti ajjeefamuu jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.
Dabalataanis guyyuma kaleessaa waraanni faashistii PP sochii gara ganda baadiyyaa Burqaa jedhamutti gochuun dargaggoota shan ammaaf maqaan nu hin geenye maqaa hidhata ‘WBO’ qabdu jedhuun qabanii gara bulchiinsa magaalichaatti geessanii hidhan.
Ona Tolee Keessatti maqaa tumsa sirna bilxiginnaan namoonni saamamaa jiraachuus jiraattonni onichaa dabaluun himaniiru.

