• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti tarkaanfii ergamtoota murna bilxiginnaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuu beeksise

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan Caamsaa 23, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa daandii gurraacha magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit geessu irratti bakka addaa Odaa Garaadoo jedhamutti halkan keessaa sa’a 9:00tti waraana weerartuu Abiy Ahimed konkolaataa 9’n WBO balleessina jechuun bobba’uuf deemaa turte haxxee itti hidhuun konkolaataa 6 waraanaa fi meeshaa fe’attee deemaa turte guutummaatti daaresseera.

Tarkaanfii korommiiwwan Kaabaa WBOn ergamtoota murna bilxiginnaa irratti fudhate kanaanis humna diinaa konkolaataa ishee waliin gubee barbadeessuun, kan hafte reeffaa fi madoo ishee gatuun baaragdee bakka irraa dhuftetti deebiteetti.

Haleellaa jabaa kanaanis meeshaalee waraanaa garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading