ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Impaayerri tortoraan afaan qawweetti amanu bilxiginnaan afaaniin badhaadhina faarsaa gochaan daba uummata nagaa irratti hojjatu, warra duraan akaakaa fi abaabilee keenya harkaa fi harma muruun taatee dhala nama irratti hin raawatamne irratti raawwachaa tureen garaagarummaa akka hin qabne taateen guyyaa guyyaan Oromiyaa keessatti ta’aa jiru ni mul’isa.
Haaluma kanaan uummata nagaa badii tokko malee fedhan hidhuu, ajjeesuu, halkan halkan mana hidhaatii baasanii ajjeesuun murna PP biratti akka qaroominaatti ilaalamuun namootni nagaan akka horiitti qalamuun dhiigi qulqullootaa guyyaa guyyaan Oromiyaa keessatti jigaa oolu ragaadha.
Bifuma kanaan Caamsaa 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Dida’aa ganda Indaatoo afran keessatti hidhaan garmalee jabachuun miseensa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu maqaa jedhuun uummata nagaa hidhaan dararaa kan jiran yoo ta’u, namoota 50 ol ta’an badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkuun hidhaatti darbanii jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Namoota hidhaman keessaa muraasa ammaaf kan maqaa Arganne Tamaam Shamiil, Muhaammad Abdaar, Mudaasir Abbaa Durii, Muraad Hasan fi obboleessa isaa Umar Huseen fi haadha daa’ima tokkoo dabalatee hidhaatti argamuun gidirfamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


