• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaatti humnoonni murna PP namoota mana sirreessaa keessaa baasanii ajjeesaa jiraachuu jiraattonni himan

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Kaarraa keessatti sababa hidhata WBO qabdaa fi nyaachifta jedhuun, namoota nagaa qabanii erga hidhaniin booda mana hidhaatii baasanii ajjeesaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti  himan.

Dargaggoo Abdurraahim Abdurroo Aliyyii nama ganna 12-13 gidduu jiru yoo ta’u, obboleessa keetu WBO keessa jira jechuun erga hidhaniin booda mana hidhaarraa baafamuun kan ajjeefame ta’uu ibsan.

Caamsaa 26, 2024 jechuun guyyaa sambataa dargaggoo Abdurrahiim Abdurroon alatti, Abdulkariim Bariisoo Qoojee fi Xaahir Sadee mana hidhaatii baafamuun ajjeefamuu jiraattuun naannichaa tokko  himtee jirti.

Jiraattuun kun akka jettutti, obbo Abdulkariim Bariisoo du’a Artiist Hacaaluu hundeessaan booda irraa qabee waggaa lamaa oliif mana hidhaa keessatti kan dabarsan yoo ta’u, haadha warraa isaanii dabalatee maatii guutuun hidhamanii turuu himti.

Sababni hidhaa fi ajjeechaa kanaas hidhata WBO waliin qabduu fi WBO nyaachiftu kan jedhuudha jechuun himtee jirti.

Yeroo ammaa kana haalli nageenyaa naannicha keessa jiru ulfaataa fi sodaachisaa ta’uu kan himtu jiraattuun kun, uummanni badii fi waan hin beeknetti adabamaa jira jechuun dubbatti.

Sodaa lubbuu isaaf jecha namuu manaa gad bahuu kan sodaataa jiru ta’uu fi waan quba hin qabnetti jumlaan hidhamaa jiraachuu himte.

Yeroo ammaa kana namoota gara 150 qabuun mana hidhaatti naqanii jiru kan jettu jiraattuun kun, namootni kunneen badii tokko malee yakkamaa ta’an jechuun yaada ishee ONMf qooddeetti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading