• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo tokko rasaasa 4’n dha’ee ajjeese

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti irra deddeebiin duulli uummata ajjeesuu fi hidhuu daran kan jabaate yoo ta’u, aanaa Abaaboo Guduruu ganda Sirbaa Looyyaatti gaafa Caamsaa 26, 2024 waaree booda sa’atii 8:00 irratti barataa maqaan isaa Lammoo Dagabaasaa Bantii jedhamu bakka inni itti daftara dubbisaa jirutti waraanni murna PP rasaasa 4 itti roobsuun ajjeesuu isaanii jiraattonni gandichaa eeran.

Dabalataanis, aanuma kana ganduma Sirbaa Looyyaa keessatti maatii qabsaa’otaa hidhanii dararuun hammaatee jira. Hawaasa hidhanii rakkisuun amala kan itti ta’e waraanni faashistii PP, Caamsaadhuma 26, 2024 namoota maqaan isaanii: Shuumatee Bulloo, Roobee Kiisee, Baaccuu Abdiisaa, Innaagoo Beenyaa ijoollee isaa 2 wajjiin, Fiqaaduu Ayyaanaa fi maatii Obbo Mitikkuu Galataa hunda badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf qabamanii hidhamanii jiraachuu hawaasni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Murni barnoota qulqullina qabu kennina, dargaggoota ijaarsa biyyaaf, kalaqaa fi kennaa ni jajjabeessina jedhu barataa maatii gargaaraa barnoota isaa qo’atu marartoo tokko malee ajjeesaa fi manneen barnootaa baadiyyaa keessaa diigaa jiraachuun ibsa imbaasiin Ameerikaa barattootni dhibbentaa 33’tti siqan barnootaan ala jechuun baase ragaadha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading