• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti namoonni nagaan maqaa deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun waraana faashistii PP’n hidhamanii dararamaa jiraachuun beekame

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo deggeraa paartii badhaadhinaa yoo hin taane, yakkamaa ta’ee fuula abbootii irreetti dhiyaatee murtii du’aa fudhachuu fi manneen hidhaatti darbatamee dararamaa yeroo jiru kanatti qaamni mirga walabummaa sabichaaf dubbatu dhibee namnuu jireenya gadadoo keessummeessaa jira.

Caamsaa 26, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Saccii jedhamutti waraanni gabroomfataan PP bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa sochii taasisan ijoollee ol- adeemoo abdii biyyaa ta’an namoota afur qabuun hidhanii dhiittaa mirgoota namoomaa irratti raawwachaa jiraachuun himame.

Namoonni maqaa deggertoota WBO’ti jedhamuun sobaan yakkamanii hidhaman kunneen maqaan isaanii: Solomoon Lammeessaa, Daannoo Horatii, Iyyaasuu Tamasgeen fi Daagim Yaadachuu kanneen jedhamaniidha.

Yeroo ammaa kanas manni hidhaa aanaa Qilxuu Kaarraa  namoota gandoota baadiyyaa fi magaalaa keessaa hariiroo ‘WBO’ waliin qabdu jedhamanii shakkamaniin guutee akka jiruu fi haalli fayyumaa hidhamtootaas hamaa ta’uu keessa beektotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading