• Wed. Jan 14th, 2026

Paartiin Afrikaa Kibbaa bulchaa jiru ANC sagalee caalmaa dhabuutti jira

Jun 2, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024

Paartiin Afrikaa Kibbaa Koongorasii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC)’n bara 1994 irraa eegalee aangoo irra ture akka bu’aa filannoo gartokkee filannoo biyyaalessaa fi naannoolee Roobii darbe mormii guddaa qabu irraa argameen paarlaamaa keessaa harka caalu dhabuutti qajeelaa jira.

Sagalee Komishiniin Filannoo Afrikaa Kibbaa lakkaa’e keessaa 52% akka agarsiisutti, paartiin ANC 42.34% yoo argate, mormituu seeraa Gamtaa Dimookiraat 23.39%’n itti aanee argama.

Paartiin pirezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaa kan waggaa tokko hin guunne dura ijaarame yeroo ammaa sagalee %10.77 argachuun sadarkaa sadaffaa irra kan jiru yoo ta’u, falmattoota bilisummaa dinagdee %9.62 argachuun itti aanee argama.

Paartiin ANC yeroo tokko beekamaa addunyaa Nelson Maandeellaan durfamu paarlaamaa kanaan duraa keessatti teessoo 230 qaba ture.  Paartichi bara 1994 irraa eegalee filannoo hunda irratti %60 ol mirkaneessaa ture, bara 2019 irraa kan hafe, yeroo sanatti qoodni isaa gara %57.5’tti gadi bu’e.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa Roobii darbe dorgommii filannoo dimokiraatawwaa Appaartaayidii booda isa jalqabaa bara 1994 booda isa cimaa ta’a jedhamee amanamu irratti miseensota seera baastoota biyyaalessaa fi naannoo filachuuf sagalee kennaniiru.

Biyyattii namoota gara miliyoona 62 ta’an keessatti filattootni galmaa’an miliyoona 27 ol kan turan yoo ta’u, filannoowwan kana irratti paartileen siyaasaa 70 dorgomaniiru.

Ogeeyyiin fi qorannoon yaada akka jedhanitti, ANC’n filannoo injifachuu fi tumsa malee mootummaa mataa isaa ijaaruuf qabxii %51 argachuu dhiisuu mala jedhu.

Sana booda miseensonni mana maree pirezidaantii ni filatu, kana jechuun paartiin filannoo kana injifate aangoo dhumaa biyyattii keessatti argata jechuudha jechuun Anaadooluun gabaaseera

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading