• Sun. Nov 22nd, 2026

Waraanni PP Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti nama tokko rasaasaan rukutuun madeessan

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 31, 2024

Lubbuun namaa biratti hiika kan hin qabne bilxiginnaan lafa deemu maratti ajjeesuu aadefachuun, Oromiyaa guutuu keessatti lubbuu ol adeemtotaa guyyaa guyyaan akka baalaa harcaasaa oola.

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Shimaltokkee bakka addaa Malkaa Iddaatti dheengadda Caamsaa 29, 2024 waraanni PP osoo daandii deemuu nama maqaan isaa Mulaatuu Tashoomee jedhamu badii tokko malee rasaasaan rukutanii darban. 

Namni kun garuu waraanni faashistii PP erga isa rukutanii deemanii lubbuun irraa hafuu jiraattotni himuun, namuu lafa dhimma ofii dhaquuf yaaddoo guddaa qabaachuu dabaluun gabaasan.

Hidhattoota sirnichaa biratti rasaasaan nama dhahuun akka kubbaa namatti darbataniitti kan ilaalamuu fi sababa rasaasa namoota nagaatti dhukaasuun miidhuun wal qabateen namoonni hedduun qaama hir’uu ta’uun jireenya gadadoo jiraachaa jiru.

Leave a Reply