• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn Zoonii Bahaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan godina Lixa Harargeetti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabe

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddeetti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa kaleessa galgala Caamsaa 28, 2024 daandii guddaa Itiyoo-Jibuutii to’achuun galgala akka lakkoofsa impaayera Itoophiyaatti sa’a 4:00 irraa eegalee hanga halkan irraa sa’a 9:00tti tarkaanfii boonsaa waraana ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhachaa ture.

Lola iddoo saditti daandii cirracha gurraachaa irratti taasiseen daandicha to’atee diina kallattii lamaan daandii eegaa turte baqachiisee sochii cufa ugguruun injifannoo galmeessee jira.

Sababa kanarraa kan ka’e diinni humna guddaa mooraa Awaash irraa garasitti akkasumas naannoo soomalee fi Oromiyaa irraa gara sanatti guuraa jirti.

Itti aanaan mudamaa Itaamaajor Jeneraal Ababawu Taaddesee WBOn ilaalcha aanaa irra tarkaanfate hin qabu, waliigaltee hin qaban jechuun xiinsammuu waraana isaanii kufee kaasuu fi jajjabeessuuf yaalus, irree fi gaachanni uummata Oromoo Boorana Miyoo hanga Walloo Harxummaa Furseetti, Lixa Harargee Bordoddee hanga Qellem Wallaggaa Sayyootti fiingee fi ajaja tokkoon kaleessa ganama irraa qabuun duula waraanaa maqaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana Itoophiyaa fakkaatu ijaarre fi Afrikaa keessatti jabaadha jedhanii ittiin dhaadachaa jiran akkuma dura allattii sooraanii ture, WBOn bobbaa kanaanis hedduu ajjeesee gariin madeessuun meeshaalee waraanaa irraa hiikaa fi fayyaatti harkaa qabaa jira.

Irbuu Shinniggaa Bilisummaa fi Walabummaaf ❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading