• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa, Harsadee fi Lixaatti Waraana Faashistii PP Du’aa fi Madoon Adabe

Jun 4, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Gootichi abdi sabaa WBOn lola Bobbaa Irbuu Shinnigaatiin tarkaanfii eegale jabeessee itti fufuun bakkeewwan hedduutti diina akka baalaa harcaasaa kan jiru yoo ta’u, Zoonii Lixaa, godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo, Zoonii Kibbaa godina Booranaa aanaa Goomolee fi Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti tarkaanfii jajjabduu humna diinaa irratti fudhachuu hoggantoonni WBO gamasii ONMf himan.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee Waxabajji 2, 2024 waraana weerartuu PP Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessaa ba’uun gara ganda Hafaa Qamalee bakka addaa Kaaffee jedhamutti taasistetti haxxee hidhuun lola yeroo dheeraaf taasiseen du’aa fi madoo dandammii hin qabneen adabeera

Lola geggeeffame kanaanis 51 ajjeesuun 30 yoo madeessu, tikoota manneen jiraattotaa gubsiisuuf waliin deemaa turan 4 ammoo fayyaatti harkan kan qabe yoo ta’u, qawwee AKM 15, hidhanoo 15 fi rasaasa hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.

Akkasuma jajjabeen WBO Zoonii LixaaLola walitti fufiinsaan erga duulli Bobbaa Irbuu Shinnigaa labsamee booda geggeessaa jiruun bakkeewwan hedduutti humna diinaa irratti injifannoo jabaa argachaa jira.

Guyyaa kaleessaa kana Waxabajjii 3, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo bakka addaa Yamoo jedhamutti tarkaanfii jajjabeen WBO fudhateen loltoota 8 irraa yoo ajjeesu, 30 madeessee jira. Madoo ishee kanas gara buufata fayyaa magaalaa Ganjii galchuun, 3 erga achi geessee yoo duutu warri hafan yaalamaa jiraachuu odeessi keessoo waraana bilxiginnaa irraa nu qaqabe ni addeessa.

Gama meeshaatiin, qawwee AKM 5, rasaasa bireenii 500, rasaasa kilaashii 400, qophii reeshinaa 18, jorooroo bireenii abbaa 200 tokko dugda diinaarraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Jajjabeewwan Kibba Oromiyaa warri diina boqonnaa dhorkan kaleessuma Waxabajjii 3, 2024 WBO’n Zoonii Kibbaa konyaan Gujii Lixaa ganama sa’a 11:30 irraa eegaluun godina Booranaa aanaa Goomolee ganda Dhakaa Barruu bakka addaa Hiidoo jedhamutti tarkaanffii laalessaa waraana PP moonaa tolfattee teessu irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabeera.

Lolli WBO’n Bilisummaa fi Walabummaa sabichaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’a.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading