• Mon. Nov 23rd, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Harawaa magaalaa Booraa keessatti waraanni faashistii PP wal irratti dhukaasuun ajjeechaa fi madoo wal irratti raawwatan

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Mooraan murna bilxiginnaa dabaa fi cubbuun ijaaramtee jibbiinsa sanyummaa fi dantaa dhuunfaan guutamte loltootni isaanii dhuganii machaa’uun, kanneen akka shamarran Oromoo dirqiin gudeeduu fi maallaqa afaan qawween doorsisanii uummata  meesha maleessa nagaan ilmaan isaanii guddifatan irraa dirqamaan saamaa turan, hawaasni nagaan maaliif saamamaaf osoo hin taane qarshii sana gargar qooddachuu irratti wal dhabuun ajjeechaa fi madoo wal irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa bakka buufata waraana maafi’aa PP Dirree Kubbaa jedhamu keessatti Waxabajjii 2, 2024 galgala sa’a 3:00’tti loltootni sirnichaa dhuganii machaa’uun dhukaasa walirratti bananiin miseensi tokko battalumatti lubbuun yoo darbu tokko ammoo madoo cimaa ta’een galgaluma sana hospitaala magaalaa Kamiseetti dabarfamuun barameera. 

Akka odeessi keessoo PP ba’e addeessutti sababni ajjeechaa fi madoo kana walirratti raawwataniif 1’ffaan shamarran ani jaal’achaa ture dubbiftee fi kan 2’ffaan qarshii nama irraa fuute naaf hiruu didde,  akkasumas wal gaarreffannaa mooricha keessatti babal’ateen akka ta’e icciitiin mooricha keessaa nu ga’e ni ifoomsa.

Dhukaasa loltootni murna bilxiginnaa kun magaalaa Booraa keessatti dhuganii machaa’uun wal irratti banan kanaan uummanni magaalichaa kun akka isaan machaa’an baruun rifaatuu guddaa keessa seenanii namoonni hedduun ifaa dhaamsuun, gara Goda Kaarriphoo jedhamutti baqatanii akka bulan jiraattotni magaalichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply