ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa Waxabajjii 5, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa waraanaa maafiyaa bilxiginnaa uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota Moorteraa fi Marfiin itti dhuqaasuun ajjeesaa, saamaa, mana jalaa gubaa, horii ajjeessaa fi dararaa turte irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee jira.
Tarkaanfii guggubduu korommiiwwan lafa gadaa ijoolleen diina hin dheessine waraana faashistii PP irratti Roobii darbe fudhataniin loltoota 25 battalatti yemmuu ajjeessan 17 madoo dandammii hin qanneen adabaniiru.
Abdiin Oromoo fi Oromiyaa lola itti fufuun kaleessa Waxabajjii 06 godinuma Gujii Bahaa aanaa Aagaa Waayyuutti lukkeelee diinaa barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman achi unkuree asi unkuree ol fiigsee, gadi fiigsee rasaasaan akka soonsaa iddee kakachiisuun loltoota koloneel Abiy warra isaan jabina isaaniin boonan 38 battalatti yommuu irraa ajjeesu, 30 ol madoo dandammii hin qabneen adabeera.
Walugamaa galatti lola guyyaa lamaan abbaan dabee onnataan Irbuu Shinniggaa loltoota bilxiginnaa 63 ajjeesuun, 47 madoo dandammii hin qabneen adabameera.
Gama meeshaatiin qawwee
AKM 24
PKM 2
Rasaasa fi meeshaalee garaagaraa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasiseera.
Mo’ichi WBOf❗️
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni bilisoomti❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️






