• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar ona Midaaqanyiitti barataan Yuunvarsitii tokko loltoota PP’n ajjeefame

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Kolonel Abiy Ahimed diinni isaa inni guddaan yeroo ammaa dargaggoota ol adeemoo bor biyyattiif abdii ta’an hawaasa keessaa filee ajjeesuu irratti xiyyeeffatee koree ajjeechaa hundeeffataniin duula ajjeechaa irratti raawwachisaa jira.

Waraanni ol adeemaa duguugee lafarraa fixaa jiru kun godina Lixa Shaggar ona Midaaqanyii ganda Qarmii Gurranee jedhamu keessatti barataa Yuunivarsiitii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Shaashoo Laggasaa ykn Daanii jedhamee beekamu “obboleessa keetu WBO keessa jira” jechuun gaafa Waxabajjii 2, 2024 rasaasaan rukutanii ajjeesuun himame.

Dargaggoon kun yuunivarsitii osoo baratuu maatii dubbisuuf gara manaa kan galee fi  waraana sirna nama nyaataa Abiy Ahimediin lubbuun isaa darbuu jiraattonni gandichaa ONM’f himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading