• Wed. Jan 14th, 2026

Paartiin ANC erga filannoo mo’amee booda mootummaa tokkummaa biyyaalessaa ijaaruuf yaada dhiyeesse

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Filannoo torbee darbe gaggeeffameen sagalee caalmaa paarlaamaa erga dhabee booda mootummaa tokkummaa biyyaalessaa ijaaruuf yaada dhiheesse.

Qaamolee hunda bira ga’us ammallee mariin gaggeeffamaa jira jedha.

Dubbi himtuun paartii ANC Mahlengi Bihengu-Motsiri gaazexeessitootatti akka himanitti, bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti lammiileen Afrikaa Kibbaa paartileen hundi akka waliin hojjetan barbaadu.

Paartiin ANC sagalee gara %40 kan argate yoo ta’u, paartiin giddu galeessaa mirgaa Dimookiraatawaa (DA) %22,  paartiin MK kan Pirezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaa %15 fi paartiin hundee jabaa kan ta’e Qabsaa’ota Bilisummaa Diinagdee %9 argateera.

Sirni sanyummaa Appaartaayidii bara 1994 xumuramuu hordofee filannoo dimokiraatawaa jalqabaa irratti erga Nelson Maandeellaan injifannootti dhufee booda ANC harka caalu dhabuun kun yeroo jalqabaati.

Sirna bakka bu’ummaa madaallii Afrikaa Kibbaatiin mootummaan kamiyyuu paartilee walitti dhufanii sagalee %50 ol argatan irraa ijaaramuu qaba ture.

Aadde Bihengu-Motsiri akka jedhanitti, paartiin ANC DA, EFF fi paartilee xixiqqoo biroo waliin marii taasiseera.

MK bira ga’us deebii gaariin akka hin jirre ibsiteetti.

Dubbi himtuun ANC itti dabaluudhaan paarlaamaan torban lama hin guunne keessatti waan walga’uuf ANC kana dafee furuu barbaada jedhan.

Hojiin isaa inni jalqabaa mootummaa itti aanu ijaaruuf pirezidaantii filachuu ta’a jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading