• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Jimmaa onoota adda addaatti waraanni maafiyaa PP saamicha geggeessaa jiraachuun himame

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Aanaalee godina Jimmaatti PP’n sochii halkanii fi guyyaa uummata danquun magaalaa fi baadiyyaa keessatti eegumsa sochii fi dhaabbiin uummata ugguraa jiraachuu jiraattonni godinichaa himan.

Waraanni saamtuun impaayera Itoophiyaa konkolaattota halkan magaalaa Jimmaa irraa gara aanaalee godinichaatti imalan akka carraa guddaatti fayyadamuun konkolaataa karaarra dhaabuun bakka hedduutti sakatta’insa fakkeessanii saamicha hamaa ta’e geggeessuun uummataaf gamsiisaa jiraachuun ifoomeera.

Sakatta’insa isaanii keessattis, qarshii 1000 ol nama harkatti yoo argan “eessa geessaa jirta?” jechuun gaaffilee adda addaa uummatatti baay’isuun garmalee dararaa kan jiran yommuu ta’u, gaafa Waxabajjii 5, 2024 konkolaataa magaalaa Jimmaatii ka’ee ona Saqqaa deemu dhaabuun namoota torba irraa qarshii 22,000 fudhachuu maddeen keenya eeraniiru.

Godinichatti aanaa Hoomoo Beeyyamitti abbaa ilma kiyya waraana isa hin ilaallannetti hin ergu jedhe irraa waraanni fi kaabineen bilxiginnaa Tashoomee Rafeeraa jedhamu  reebanii turuu gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading