ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024
Maatiin hojii qonnaa fi horsiisa looniin of jiraachisan tokko rakkoo waraana koloneel Abiy Ahimadiin isaan quunnameen guyyaa tokkotti loon 21 saamamuu fi maallaqa hedduu dhabuu jiraataan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa irraa dubbisne tokko nuuf gabaase.
Qabeenyi isaanii jalaa saamamuun bakka itti baqatanii fi qaama itti himatan dhabuun yeroo ammaa ilmaan isaanii waliin rakkoolee jireenyaa kan dhamdhamaa jiran maatiin obbo Mallasaa Tolosaa fi Obboleessa isaanii Boggaaalaa Tolosaa Waxabajji 1, 2024 guyyaa tokkotti qabeenya maallaqa guddaatti tilmaamamu ganda Awwaa Dhangaggoo keessatti akka dhabanis jiraattonni himan.
Obbo Boggaaalaan nama qaama hir’uu bakkaa bakkatti socho’ee hojjetatee buluu hin dandeenye akka ta’es dabaluun kan himan jiraattonni, sangaa qofti maatii kanneen jalaa kan oofame saddeet yoo ta’u, horiin elmamtullee keessatti akka argamtu itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

