ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024
Sirni miirri namummaa itti hin dhagaa’amne bilxiginnaan goleewwan Oromoo cufa keessatti keessattuu uummata qonnaan bulaa hojii qonnaa hojjechuun jiraatan irratti gubaatii manneenii fi ajjeechaa seermalee akka qorqalbii hawaasaa tuqutti irratti raawwachuu itti fufee jira.
Waxabajjii 3, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Oolankomii jedhamu keessatti loltoonni gara jabummaan uummata akka fixaniif gandichatti bobba’an nama Dachoo Midhagsoo jedhamu Galma Waaqeffannaa keessaa baasuun rasaasaan waadanii ajjeesuu jiraattotni gandichaa himan.
Dargaggoon kunis balleessaa qabaatee osoo hin taane nama yeroo hedduu waan miidhama Oromoo jibbuu fi nama ifaan ifatti dubbatu waan ta’e qofaaf akka ajjeefames ibsan.
Guyyuma sana obbo Boochee Ayee fi Bobbaa Badhaasoo jedhaman jalaa manneen isaanii mi’a mana keessaa dabalatee tokko osoo hin baafatin jalaa gubanii barbadeessuus himaniiru.
Aanicha keessatti sarbamiinsi mirgoota namummaa uwwisa miidiyaa addunyaa fi dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhokachuun hawaasni hedduun gaagaa’ama hamaa jala akka jiru gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.


