ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Uummanni Oromoo biyya isaa kan irratti dhalatee guddatee fi horate irratti akka lammii lammaffaatti ilaalamuun gocha mootummaan biyya bulchu tokko lammilee bulchu irratti hin raawwanne gocha baay’ee saalfachiisaa fi gaddisiisaa ta’e humnaa fi qawween qaba jedhee uummata nagaa saamuun shiftummaa isaa addunyaaf mirkaneessaa jiraachuun isaa ifa ba’ee jira.
Harki hanna bare doolutu socho’a akkuma jedhamu qabeenya uummataa yeroo arganitti saamichi qofti sammuu waraana PP’tti kan dhufu Waxabajjii 8, 2024 giddu-galeessa Oromiyaa godinaalee akka Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Doggomaa Kibbii jedhamuu fi Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajii Ejersaa jedhamu keessatti loon uummataa bakka darabaa jiran 1068 ol maafiyoonni waraana Bilxiginnaa kun saamuu isaanii jiraattonni himan.
Gandoonni kun lamaan kan wal daangeessan yoo ta’u, gandoota kanneen irraa dhufanii bakka loon darabaa galanii jiranitti itti dhaquun saamanii gara aanaa Abuunaa Gindabarat Bulchiinsa Magaalaa Qalaaxee keessatti walitti qabanii kan jiranii fi yeroo ammaa kana loonuma argan cufa otoo bira hin darbin saamaa jiraachuun isaanii barameera.
Dabalataanis uummanni loowwan kunneen jalaa saamames boo’aa fi iyyaa, nuti loon keenya dhiisnee hin deemnu jedhanis shiftoonni waraana Bilxiginnaa reebicha hamaa irratti gaggeessuu fi kaanis qabaniii deemuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

