ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Badiileen daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti yeroo ammaa murna gareen wal ijaaree aangoo impaayerittii gubbaa jiru Bilxiginnaan adeemsifamaa jiru uummatichatti yaaddoo guddaa uumee jiraachuu jiraattotni Oromiyaa iddoowwan adda addaa irraa dubbisne tokko tokko yaada isaanii ONM’tti himan.
Namoota dalagaa qonnaa fi daldala adda addaa irratti bobba’uun jiraatan kanneen siyaasni gara itti garagalu hin beekne sirna badiif bobbaafaman kunneen guyyuu kabaja haadha Oromoo irraa mulquun gochoota rifaasisoo uummata irratti dalagaa jiru.
Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caffee Bisil keessaa Caamsaa 29, 2024 hidhattootni sirnichaa aanota adda addaa irraa gara ganda sanaatti imalan namoota hedduu jalaa qabeenya saamuu, hidhuu fi reebicha hamaa raawwatanii gandichaa ba’uu ibsan.
Guyyaa sana hidhattootni kun namoota hedduu kan qaban yoo ta’u isaan keessaa Aadde Asnaaquu Magarsaa haadha ijoollee sadii fi dargaggoo Gammee Dirribaa kanneen jedhaman namoota qabaman kanneen keessaa hanga har’aatti achi buuteen isaanii dhabamuu dubbatu.
Itti dabaluun akka maatiin namoota kanaa jedhanitti hidhattoota kunneen fuudhanii bosona hedduu keessa dabarsuu himuun, yeroo bakka ka’umsa isaanii ga’anis seelii WBO nama lama ajjeefnee bosona keessatti awwaallee dhufne jechuun odeessa sobaa tamsaasaa turuus ibsan.
Bosona kanneen keessas odeessa jarreen facaasan erga dhaga’anii booda hawaasni bakka awwaalcha namoota kanneeniis barbaadaa turuu fi akka hin arganne illee himan.
Kana malees mana hidhaa bakka jedhame hunda barbaadanii dhabuu illee dabaluun ibsaniiru.



