• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu keessatti waraanni gabroomfataan PP namoota ajjeesuu, madeessuu, saamuu fi hidhuun himame

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Murni PP uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii banee jiruun namoonni danuun yakka tokko malee osoo qabamanii qaama seeraa jala jiranii murtii seeraa fi hayyama seeraan alatti waraana murna PP’n rasaasaan waadamuun kanneen dhumaa jiran danuu ta’eetu mul’ata.

Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Buuddii jedhamu keessatti Waxabajji 8, 2024 miseensonni maatii tokkoo waraana murna PP’n naasuu rokko malee rasaasaan waadamuun ajjeefamuu fi mada’uun barame.

Namoonni ajjeefaman maqaan isaanii Haayiluu Kitilaa fi Boontuu Hayiluu kan jedhaman yoo ta’an, shamarree Seenaa Wandimmuu madeessuun,  Lataa Hayiluu kan jedhamu ammoo qabuun fuudhanii deemuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa akka jiran beekameera. 

Dabalataanis maatii ajjeefaman mana isaanii keessaa waraanni murna PP kunneen qarshii 50,000 jalaa fudhachuun gara irraa dhufanitti akka deebi’an himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading