ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Murni lammii isaa gara laafina tokko malee tarkaanfii hidhaa seeraan alaa, saamichaa fi ajjeechaa gara jabeenyaa jabeessuun uummata afaan qawween bitee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hawaasa hiraarsaa oolu bilxiginnaan yeroodhaa gara yerootti dhiiga qulqulluu dhangalaasuu itti fufee jira.
Akka kanaanis Waxabajji 9, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Warra Daallee iddoo addaa Dudda Abbaa Bulii jedhamutti namoota horii tiksan lama kanneen maqaan isaani Latii Takiluu umrii 14 fi Ermiyaas Taarikuu umurii 25 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii darban.
Humni badiin impaayera Itoophiyaa namni balleesseef osoo hin taane dirqamni isaanii lammii isaanii irratti gocha duguggaa sanyii raawwachuun hojii isaanii ta’uu kan dubbatan jiraattonni, ijoollonni kunis yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane Oromummaan yakkamuun ajjeefamuu jiraattonni dabaluun dubbatu.


