• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar onoota Qarsaa Maallimaa, Tolee fi Sadeen Sooddoo keessatti waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO’n bobbaa’an miidhaa qaqqabsiisuun himame

Jun 14, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Haala uummanni sodaa fi humna dhabuun itti dhagaa’amu keessatti tarkaanfii badanii balleessuu loltonni sirna bilxiginnaaf amanamoo ta’an guyyuu hojjetaniin jiraattotnii yaaddoo keessa seenuu maddeen godina Kibba Lixa Shaggar ibsan. 

Erga tarsimoon dabaa uummata Oromoo irratti qiyyaafamee humnoota faashistii PP’n raawwachuu eegalee kaasee sabni Oromoo manaa nagaan ba’ee deebiin hafee, waqtii gannaa yeroo itti ooyiruu isaa qotatee jiraatutti sochii waraanni koloneel Abiy Ahimad gochaa ooluun baqaaf saaxilamee rakkoo argaa jiraachuun himama. 

Kaleessaa Waxabajji 13, 2024 waraanni faashistii PP godina Kibba Lixa Shaggar aanota akka Qarsaa Maallimaa, Tolee fi Sadeen Sooddoo keessatti maqaa sakattaa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun sochii guddaa magaalota irraa kan taasisan waraanni bilxiginnaa,  uummata gandoota baadiyyaa irratti saamichaa fi dhiittaa mirgoota namoomaa raawwachaa akka turan himameera.

Yeroo gabaasni nu ga’etti jiraattonni hedduun manneen isaanii irraa waraana bilxiginnaa baqachuun bosonatti badanii kan turanii fi qabeenyi namoota saamamees hedduu ta’uu himuun, haalli jiraattonni yeroo hojii qonnaa kanatti keessa jiranis yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading