ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Gocha badee balleessaa raawwachaa kan jiru bilxiginnaan taatee addunyaa irratti uummata kam iratti ta’ee hin beekne uummata Oromoo irratti raawwachuun jireenya hawaasichaa gaddaa fi gadadoon uwwisee jira.
Faarfatoonni Minilik ijoolleen bilxiginnaan goleewwan Oromiyaa hunda keessatti bobbaase uummata Oromoo lafarraa balleessisaa jiru godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti yakka namoomaas raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan aanaa Dugdaa ganda Dongorota Gusaa keessatti maqaa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu itti maxansuun namoota siyaasa kam keessa illee hin jirre dheengadda Waxabajjii 13, 2024 namoota maqaan isaanii Shanguu Mollaa Abbee fi Jafaarsa Kurfaa Raggaasaa jedhaman jalaa manneen isaanii waraana faashistii PP’n gubachuu ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni naannoo sanaa jedhanitti, bilxiginnaan hammeenya uummata Oromoo irratti qabu guyyuma guyyaan dabalaa jira jechuun, yeroo ammaas maatii manni jalaa gubate kun mukeen jala akka bulaa jiranis himan.
Bilxiginnaan aangoo isaa tursuuf badii inni hin hojjenne hin jiru kan jedhan jiraattotni kunneen, gochi isaanii kun bor dabaree nu irratti ta’a jedhan.
Waan kana ta’eefis jedha, namni yaada isaa nuuf kenne tokko: uummanni Oromoo abdii fi gachaana isaa WBO cinaa dhaabbachuun falmuu qabna jechuun dhaamsa dabarfateera.


