ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Duula Irbuu Shinniggaa ABO-WBO’n golee Oromiyaa mara keessatti labsamee jiruun gootichi waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n ergamtoota Abiy Ahimed ajajoota waraanaa dabalatee hedduu ajjeesaa, madoon adabaa fi meeshaa waraanaa garaagaraa kumaan lakkaa’aman irraa hiikuun injifannoo boonsaa Zooniilee cufa irratti galmeessaa kan jiru yoo ta’u, kun ammoo caasaalee bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadii jiranitti rifaatuu guddaa fi dhukkubbii mataa qoricha hin qabne itti ta’uun, abdii kutannaa hamaa keessa seenanii wal shakkuun keessoo isaaniitti deebi’anii hojii irraa wal ari’aa fi wal hidhaa jiraachuu odeessi keessoo PP irraa nu ga’e ni addeessa.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Caffaa Roobit keessatti rakkoo wal dhibdee sirna bilxiginnaa jidduutti tibbana uumamee jiruun yeroo hedduu waltajjii taa’aa turaniin furachuu dadhabuun hojii irraa wal ari’aa fi mana hidhaatti wal guuraa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Haaluma kanaanis Waxabajjii 13, 2024 magaalaa Caffaa Roobit keessatti hojjettootni waajjiraa fi kaabinoonni sirnichaa hojii irraa wal ari’uun walii isaaniis hidhan.
Namoonni hojii irraa ari’aman kunneenis muraasni kan maqaan nu ga’e Ahimed Mahaammad Ahimed, Hasan Mahaammad Hasanuu, Mahaammad Hasan Nuuruu, Ahimed Taankii kanneen jedhaman hojii irraa ari’amuun, namni maqaan isaa Hasan Ahimed Hasanuu jedhamuu fi kan maqaan nu hin geenye tokko hojii irraa ari’amanii hidhamanii jiraachuu maddi keessoo PP maqaan isaa akka dha’amu hin barbaanne tokko ONM’tti himeera.
Dabalataanis, godinichuma aanaa Harxummaa Furseetti itti gaafatamaan Federaalaa walga’ii magaalaa Caffaa Roobit keessatti Waxabajjii 13, 2024 geggeessaa ooleen uummata Oromoo addaan qooduuf waarri Laaftoo gadii gandi 10’nii, deggartoota waraana bilisummaa Oromooti isaaniin kan balleessinu raayyaa ittisa impaayeerattii, Poolisii, milishaan osoo hin taane Faannoo gandichatti erguun akka isaan qabeenyaa isaanii saaman, gubanii barbadeessan, loon ooffatan sangoota isaanii qalatanii nyaatanii fi jireenya isaanii barbadeessanitti itti bobbaafna jechuun dhaadachaa fi uummata shororkeessaa akka jiranis jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee dabaluun dubbatu.
Uummanni Oromoo wabii jireenyaa dhabee halkanii fi guyyaa dararaa argaa jiru kun yaada isaanii ONM’f qoodaniin Murni afaaniin sobee dimookraasiidha jechaa Oromiyaa dirree dhiigaa fi ilmaan ishee biyya abbaa isaanii irratti akka dararaman gochaa jiru bilxiginnaan, hamma sirna dimookraasii dhugaa jabeessuun bulchinsa abbaa irrummaa isaa dhabamsiisee aangoo harka uummataatti deebisutti ykn kan filannoo uummataan hundaa’e mijeessutti, nuti lafa keenya irratti ajjeechaa, hidhaa saamichaa fi reebichi nurraa waan hin dhaabbanneef waraana keenya kan ta’e WBO waliin taanee murna abbaa irree bilxiginnaa kana ofirraa darbina kan jedhan jiraattota aanaa Harxummaa Furseeti.
