ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Duulli jabaan erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee uummata Oromoo Walloo irratti murna bilxiginnaa fi hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo maqaa uummata Amaaraa eeguun murna faashistii PP’n hidhachiifamanii uummata Oromoo xiqqaa, guddaa, akkasumas; saalaan osoo adda hin baasin Oromummaa qofaa irratti xiyyeeffachuun eenyummaa, duudhaa fi safuu uummanni Oromoo qabu guutummaatti dhabamsiisuuf halkanii fi guyyaa kan carraaqan leellistoonni sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho’aa jiran kun duula duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa bakka Jaarraa jedhamutti Waxabajjii 14, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daa’imman loon tiksaa turan irratti dhukaasa baniin daa’imman lama Kaalid Adam Umar kan umriin isaa ganna 14 ta’e dhalataa magaalaa Fursee fi tokkos kan maqaan isaa nu hin geenye hidhattoota Finxaaleeyyii kanaan ajjeefamanii erga du’aniin boodas gochaa suukanneessaa fuulli isaanii akka hin beekamneef saanjaa fi qottoon fuulaa fi qaama guutuu irraa gogaa kaasuun, Loon isaan tiksaa turan cufa jalaa saamanii biraa akka deeman jiraattotni ijaan argan dubbataniiru.
Waxabajjii 14, 2024 guyyuma daa’imman kana ajjeesan ganda Gooroo Dirree Baddanaa jedhamu keessatti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun dhukaasa bananiin nama Adam Mahaammad Umartuu jedhamu jalaa loon 8 ajjeesuun 2 madeessaniiru.
Walumaa galatti loon 10’n sangaa fi saawwan elmamtu dabalatee manca’uu dubbachuun, Adam Mahammad Umartuu kana jalaa hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kanaan dura bara 2021 fi 2023, loon isaa yoo saaman, kan yeroo ammaa kana waliin marsaa 3’ffaaf loon isaa rasaasaan ajjeesuu fi madeessuu dabaluun ibsaniiru.
Sababni ajjeechaa fi saamichi kun uummata nagaa irratti taasifameef Waxabajjii 13, 2024 itti gaafatamaa Federaalaa fi caasaalee bilxiginnaa cufa hirmaachisuun magaalaa Caffaa Roobit keessatti walga’ii geggeessaa oolaniin hawaasa Oromoo addaan qooduuf aanaa Harxummaa Fursee keessaa waan gara magaalaatti dhihaatu malee kan baadiyyaa wanni Laaftoo gadii WBO tumsaa jiru, isaaniin ammoo Faannoo itti erguun lafa irraan balleessisa jedhee erga dhaadatee gochi kun raawwate.
Itti gaafatamaan Federaalaa kun waan afaaniin jedhe hojiitti hiikuun Waxabajjii 14, 2024 Faannoon akka lola bantu gochuun ajjeechaa fi saamicha raawwachiise jedhu jiraattotni nuti dubbisne.





