• Fri. Jan 2nd, 2026

Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Waliigaltee Itiyoophiyaan Somaalilaandii waliin taasifte ‘abjuu guyyaa’ jechuun balaaleffatan

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Abdukhaadir Mohaammad Nuur Itiyoophiyaan dachee Somaaliyaa inchii tokko fudhachuu akka hin dandeenye irra deebi’anii mirkaneessuun waliigaltee Itoophiyaan naannoo Somaaleelaandii waliin taasifte abjuu guyyaa akka ta’etti ibsaniiru.

Ministirichi Mr. Nuur ibsa dhiheenya kana miseensonni kaabinee Itiyoophiyaa waa’ee Waliigaltee Waliigaltee kanaa kennaniif deebii kennaniin, ministiroonni kunneen odeeffannoo dogoggoraa facaasaa jiru, kunis mootummaa Somaaliyaa kan hin miine ta’uu cimsanii dubbataniiru.

“Miidiyaalee hawaasaa irratti ergaawwan dogoggorsituu ministeerota Itoophiyaa irraa kennamu abjuu halkanii dha kan jedhan Mr. Nuur, Itoophiyaan lafa Somaaliyaa inchii tokko fudhachuu akka hin dandeenye beektis jedhan. Namni tokko osoo hin rafin yoo  abjootu bu’aan isaa tilmaamamuu danda’a,” jedhan Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Abdukhaadir Mohaammad Nuur.

Ministirri Ministeera Indaastirii Itiyoophiyaa obbo Tarekegn Bulultaa dhiheenya kana Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu amantaa akka qaban ibsaniiru. “Itoophiyaan biyya jalqabaa Somaalilaandii biyya walaba ta’uu ishee beekamtii kennite akka taatu amantaa guddaan qaba” jedhan.

Hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa erga Itoophiyaan Amajjii 1, 2024 Somaalilaandii waliin waliigaltee mallatteessitee booda wal-xaxaa ta’ee jira. Waliigalteen kun Itoophiyaan ulaa galaana akka seentu kan taasisuu fi buufata waraanaa Somaaliyaatti akka hundeessituuf kan hayyamu yoo ta’u, Somaaliyaan gama isheen gochi kun abbaa biyyummaa ishee cabsuu akka ta’etti ilaaluu gaazexaan Soomaaliyaa Hiiraan.com gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading