• Tue. Jan 13th, 2026

Faransaay loltoota ishee Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessa keessa jiran gara 600’tti hir’isuuf akka jirtu maddeen himan

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon karoora waraana Faransaay naannicha keessatti daangessuuf qabataniin walsimsiisuun argama waraanaa Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessa Afrikaatti gara loltoota 600’tti hir’isuuf karoorfachuu himaniiru.

Guraandhala 2023 keessa, Maakroon Afrikaa keessatti loltoonni Faransaay hir’achuu beeksiseera. Sababiin isaas miirrii farra Faransaay kolonii duraanii tokko tokko keessatti ol’aanaa waan ta’ee fi biyyoonni akka Raashiyaa dhiibbaa guddaa argachuuf dorgomaa waan jiraniifiidha.

Akka karoora amma michoota Afrikaa waliin mari’atamaa jiruutti, Faransaay humnoota ishee Afrikaa keessatti haalaan hir’isuuf karoorfattee jirti.

Akka maddeen mootummaatti dhihoo ta’an lamaa fi maddi waraanaa, kanneen hundi isaanii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan himanitti, Faransaay loltoota naannoo 100 qofa Gaaboon Giddugaleessa Afrikaa keessatti fi naannoo 100 immoo Senegaal, Dhiha Afrikaa keessatti tursiisuu karoorfatte 350 irraa gadi hir’isuun akka ta’ees himaniiru.

Paaris loltoota naannoo 100 qarqara galaanaa kibba Afrikaa Dhihaa Ivory Coast keessa tursiisuuf karoorfattee jirti.

Hanga waggaa lama duraatti humnoota gara 1,600 ta’an kanneen Afrikaa Dhihaa fi Gaaboon keessatti dursanii bobbaafaman malees, Faransaay qaama duula farra jihaadistii Barkihaniin naannoo Sahel Afrikaa keessatti loltoota 5,000 ol qabdi turte.

Garuu suuta suutaan juuntaa bara 2021 Maalii, bara 2022 Burkina Faso fi bara 2023 Niijeritti aangootti dhufaniin dhiibamee bahee jira. 

Biyyoonni sadanuu amma Raashiyaa waliin waliigaltee nageenyaa raawwataniiru jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading