• Sat. Mar 14th, 2026

Lammiileen Keeniyaa daballii gibiraa labsii faayinaansii morman kudhanootaan to’annoo jala oolan

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Poolisiin Keeniyaa Kibxata kaleessaa hiriirtota kudhanootaan lakkaa’aman to’annaa jala oolchan.

Mootummaan qabsoo keenyaaf miira dhabuun yeroo ammaa daabboo, aannanii fi wantoota nuti hiyyeeyyiin itti hirkannu hunda tuqaa jiru, jechuun hiriirtonni himan.

Hiriirri Naayiroobii fi magaalota birootti qophaa’e kun lammiileen Keeniyaa gibirri meeshaalee barbaachisoo kanneen akka boba’aa, nyaataa fi meeshaalee biroo irratti dabalamuu irratti aarii guddaa dhageessisan.

Labsiin Faayinaansii bara 2024 yaadota gibira dabarsoo maallaqa moobaayilaa, daldala baankii fi tajaajila faayinaansii biroo irratti dabaluu kan hammateedha.  

Tarkaanfiiwwan kunneen akka mootummaan jedhutti, baajata bara baajataa dhufuuf oolu deeggaruuf galii maddisiisuuf kan kaayyeffateedha jedha.

Tarkaanfiin kun lammiilee Keeniyaa kanneen duraanuu baasii jireenyaa olaanaa waliin rakkachaa jiran irraa mormii bal’aa kaaseera.

Kibxata kaleessaa Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon akka jedhanitti Labsii faayinaansii yaadame kana irratti hirmaannaa ummataa cimaa qabaannee jirra jedhu.

Ajajaan Poolisii Naayiroobii Adamson Bungeyi mormii kana seeraan ala erga godhee booda dhaabbileen mirgootaa Keeniyaa keessa jiran kanneen hidhaman haalduree tokko malee akka hiikaman gaafataniiru.

Abbootiin murtii Keeniyaa abbootiin keenya bilisummaa har’a arganneef cimanii qabsaa’aniiru; mootummaan bilisummaa nurraa fudhachuuf yaaluu hin qabu mirgi sun yeroo sarbamu lammiilee Keeniyaa cinaa ni dhaabbanna jedhaniiru jechuun Anadoluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading