• Sun. Nov 22nd, 2026

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti namoonni dhibee maqaan isaa hin beekamneen dhumaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Roorroon daangaa darbee fi dhumiinsa ilmaan namaaf karoorfatamee impaayera Itoophiyaa keessatti hawaasa Oromoo irratti raawwatamaa jiruun, hawaasni ilmaan isaa   rasaasaan waadamuun cinaatti dhukkuboota baraan jumlaan dhumaa jira.

Bifuma kanaanis akka guutuu Oromiyaatti yeroo ammaa dhukkubni busaa namoota jumlaan fixaa kan jiru yoo ta’u, murni impaayeerattiin harka isaa jirtu ammoo dhumaatii hawaasaaf faloo kaa’uu dhiisee siyaasa isaaf du’a namootaatti qoosuun daawwaa dhiyeessuu hafuun dabalataan rasaasaan waadee ajjeesaa jira.

Jiraattonni godina Lixa Shaggar aanaa Cobiis yeroo ammaa dhukkuba ammaaf maqaan isaa hin beekamneen guyyuu dhumaa akka jiran jiraataan onichaa ONM dubbise nuuf himeera.

Akka jiraataan nuti dubbisne himetti, uummanni gandoota baadiyyaa aanichaa akka magaalaa hin seenneef qaama mootummaan dhorkamuun yaala fayyaa dhabanii dhumaa kan jiran yoo ta’u, isin deggertoota WBO’ti du’atu isiniif mala jechuun baadiyyaatti ittifamanii dhukkuba maqaan isaa hin beekamneen dhumaa akka jiran himeera.

Maqaan namoota ilmaan isaanii jalaa dhumanii muraasni nu ga’e: ilmaan Obbo Falamaa Toleeraa, Obbo Gasoo Hirphaa, Obbo Lachiisaa Mul’ataa, Obbo Dhibbaa Shibbiiruu, Obbo Misgaanaa Hirphasaa, Obbo Misgaanaa Caalumaa, Obbo Fayyisaa Caalumaa, Obbo Caalchisaa Qaabataa fi Kumaa Dirribaa matumti isaa yoo du’u kanneen kaan ammoo daa’imman umriin isaanii 15  gadii sababa yaala fayyaa dhabaniif jalaa akka dhuman himaniiru 

Hanga ammaatti duuti daa’immanii fi maanguddootaa jabaatee itti fufee kan jiru onichaa keessatti, namoonni dhukkuba maaliin dhumaa akka jiranis qorannoon ogeessota fayyaan hin adeemsifamin jira.

Waraanni murna bilxiginnaa uummataa gandoota baadiyyaa magaalaa akka hin seenneef dhorkee, gandoota baadiyyaa irraas buufataalee fayyaa caccabsuun namootni rakkoo hamaa keessa akka jiran jiraattotni ona Cobii miira gaddaan nuuf himaniiru.

Murni bilxiginnaa waggaatti yeroo lamaa oliifis maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun saamicha maallaqaa osoo geggeessuu, boodarraan garuu namnuu bakka dhalootaan daangeeffamee maallaquma mataa isaan iyyuu yaalamuu dhabee jira jechuun yaada isaa ONM’f qoodeera.

Leave a Reply