• Fri. Nov 28th, 2025

Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee magaalaa Kofalee keessatti, waraanni sirnichaa hawaasa gabaa dhaqee jirutti dhukaasee 11 madeessuun 5 ajjeesan

Jun 22, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024

Lola WBO’n injifatamaa  ooluun waraanni goolessaan bilxiginnaa uummata nagaatti aarii kan ba’aa oolu yoo ta’u, tarkaanfii jumlaan ajjeesuu Oromiyaa mara keessatti fudhachuun maatii hedduun gadda akka taa’an, kanneen biroo ammoo awwaalas gadda taa’uus dhorkachuun uummatni jiraachuu ofiittuu akka gaabbu gochuun dhaabbiitti Oromoon qorqalbiin akka du’u hojjechaa jira.

Akkuma kanaan gocha yeellaasisaa isaa kana itti fufuun Waxabajjii 19, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa  Kofalee keessatti uummata gabaa dhaqee jiru,  kaleessa guyyaa gabaatti  badii tokko malee uummata nagaatti dhukaasa banuun namoota 5 battaluma kan ajjeesan yoo ta’u 11 ammoo madoo ulfaataa taasisuun buufata fayyaa magaalichaatti akka yaalamaa jiran  maddeen eeran.

Akka jiraattota aanichaa yeroo gochi badii kun uummatarratti dalagamaa jiru itti dhiyeenyaan bira jiran Arratni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, tarkaanfii badii kanaaf sababni tokkollee kan hin jirre ta’uu kaasuun kanneen madaa’an keessa kan dubbachuu danda’an maal goonee? maaliif rukutamnee jechuun hanga yoonaa kan of gaafachaa jiran yoo ta’u, kanarraa waanti nuti hubannu fuula bilxiginnaa duratti badii raawwataniif osoo hin taane akka Oromummaan yakkamanii du’an kan ibsuudha jedhu jiraattonni kun.

Jumlaan yeroo tokkotti du’aan namoota shan dhabuunii fi namoota 11 qaama hir’uu taasisuun gadda ulfaataa akkamii akka ta’e kaasuun akka guutuu Oromiyaatti yoo ilaallemmoo lakkoofsi kun kanaa oli kan jedhan jiraattotni,  murna bilxiginnaa fixiinsa uummata Oromoof gaafatama qabu tokkummaan kaanee ofirraa fonqolchuu qabna jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading