• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti waraanni faashistii PP nama tokko rasaasaan madeessuun hedduu ammoo meeshaa ZU-23’n miidhan.

Jun 22, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo dararuu fi balleessuu qofa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru, guyyaa guyyaan waraana barcuma siyaasa isaa tiksaniif bobbaasuun qe’ee uummata Oromootti gadda uuwwisaa fi baasiif saaxilaa oola.

Haaluma kanaan kaleessa Waxabajjii 20, 2024 Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Harqocii Qarree keessatti waraanni faashistii PP nama maqaan isaa Obbo Bojaa Addunnaa jedhamu rasaasaan rukutuun madeessanii jiru.

Obbo Bojaan badii tokko qabaatee osoo hin taane tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo gandicha keessatti fudhateen kasaaraa namaa fi qabeenyaa irra ga’etti aaruun nama nagaa kana rasaasaan akka madeessan jiraattotni ijaan argan himan.

Kana malees Harqocii Qarree,  Migira Manyuu fi Weelloo Mojoo irratti fageenya irraa meeshaa waraanaa guddaa Zu-23 waraanni faashistii PP kun dhukaasee miidhaa uummata irraan qaqqabsiisuu hawaasni himuun, maqaa fi namoota meeqa irratti akka raawwate adda baasuu akka hin dandeenye Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading