ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu itti fufuun ganama kana godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa bakka addaa Boolee jedhamu keessatti loltoota Abiy Ahimed du’aa fi madoon adabuun mooraa keessaa ari’ee baasee jira.
Tarkaanfii kanaanis 6 ajjeesee 3 madeessuun qawwee AKM 3, uffata waraanaa fi qallaba waraanaa irraa dhuunfachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Haaluma kanaan ganama kana jajjabeen WBO Zoonii Lixaa godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Jaangir keessatti tarkaanfii laalessaa barii irraa ka’uun mooraa waraana faashistii PP irratti fudhateen loltoota PP hedduu ajjeesee gariin madeessuun harkaanis qabee jira.
Tarkaanfii guggubduu ergamtoota PP irratti fudhatameenis Bireenii 2 fi qawwee AKM hedduu dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Guutuu gabaasa kanaan walitti deebina.
#Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
