ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Uummanni godinaalee Arsii lameenii yeroo ammaa haala yaaddessaa fi baay’ee ulfaataa ta’e keessatti kan argaman yoo ta’u, namoonni nagaan siyaasa irraa bilisa ta’an ajjeefamuu, akkasumas manni isaa irratti gubachuun akkuma itti fufetti jira.
Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Farqaasaa keessatti nama maqaan isaa Nagguu Guutaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun waraanni faashistii PP lubbuu isaa galaafatanii jiru.
Akka jiraattonni aanichaa dubbatanitti namni kun nama jireenya isaa keessatti ollaan jaalatamuu fi hubannoo qabaachuu dubbachuun sababni ajjeefamuu isaa ammoo uummata kana situ nu jibbisiisaa jira jechuun akka ajjeesanis dabaluun ibsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun kaleessa Waxabajjii 23, 2024 godinuma Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti namoota hedduu mana hidhaatti qabanii darbachuu fi qabeenyaa isaanii jalaa saamaa turuu jirattoonni miira gaddaan ONM’f himanii jiru.
Roobii darbe Waxabajjii 19, 2024 aanaa Martii ganda Dambaqaa Garjellee keessatti namoota hedduu hidhanii jiru. Namootni hidhaman kunis maqaan isaanii:
- Caaltuu Jamaal Muhaammad daa’ima umriin ishee 13, obboleessa ishee Ismaa’el Jamaal kan jedhamu qabuuf dhaqanii inni baqatee bahee jennaan ishee reebicha hamaa irraan gahuun hanga inni dhufutti jechuun mana hidhaatti darbatanii jiru.
- Abdallaa Usumaan Safanoo
- Tolaa Qaasim Boruu fi Taajuddiin Mahaammad Amaan kanneen jedhaman daa’imman umrii 12 ta’an reebicha hamaa irratti raawwachuu ibsaniiru.


