• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Kombolchaatti saamichi irra deddeebiin jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatu

Jun 25, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Kasaaraa dinagdee impaayerattii mudatee jiruun walqabatee murni bilxiginnaa of utubuuf jecha karaa tokkoon qaala’iinsa jireenyaa hawaasa irratti ol kaasuun karaa biraan ammoo saamicha daangaa hin qabneen haadha hiyyeessaa boochisaa jira. 

Haaluma kanaan Godina Baha Harargee aanaa Kombolchaa keessatti kaleessa Waxabajjii 23, 2024 kaabinootni bilxiginnaaf amanamoo ta’an waraana weerartuu kolonel Abiy Ahimed of dura qabuun abbaa Araddaa aanicha jala jiran hundaaf doqdoqqeen tokko tokko akka bitamuuf jechuun hawaasni akka maallaqa kaffalaniif dirqiin qarshii kuma tokko tokko kaffalchiisaa turuun barameera.

Torbeedhuma kana keessa aanuma Kombolchaa kanarraa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun qarshii kuma tokko abbootii warraa hundaarraa funaanaa kan turan yoo ta’u kanneen hin qabne ammoo hidhaatti guuruun namoota 200 yeroo tokkotti hidhanii hiraarsuun mana hidhaa baasuuf maallaqa dabalataa kaffalchiisaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading