ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024
Sirni ofii ajjeesee namoota nagaa yakkuu bare bilxiginnaan hojiilee isaa qaanessoo fi saalfachisoo itti fufuun gara jabummaa isaatiin erga qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa ajjeesee booda maatii Jaal Batteen isintu ajjeese jedhee obboleessa isaa hidhee dararuu itti fufeera.
Jaal Batteen nama siyaasaa fi falmaa mirga dhala namaa ifaa fi ifatti murna abbaa irreen mormuun irra deddeebiin murna gabroomfataa PP’n hidhamaa fi dararamaa kan tureedha.
Sirni isa lubbuu baase ammas maatii isaa biraa hafuu dhiisuun sababa Jaal Battee situ ajjeese jedhuun obboleessa isaa kan maqaan Miiloo Urgeessaa jedhamu guyyaa Jaal Batteen ajjeefamee kaasee hidhanii dararaa jiru.
Bilxiginnaan akkuma Weellisaa jaallaatamaa fi kabajamaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeesee, yakkamtoota isa ajjeesan walaba baase, amma ammoo maatii ajjeefamuu Jaal Battee Urgeessaaf keessi isaanii madaa’ee jiru gara jabummaan isaaniin hidhee hiraarsuu jabeesseera.
Dargaggoo Miiloo Urgeessaa hojiilee misoomaa garaa garaa hojjatee maatii hundaa kan jiraachiisaa ture yoo ta’u, amma yeroo hidhamee jirutti maatiin isaa fi kan Jaal Battee Urgeessaa gargaarsa dhabuun rakkoo keessa akka jiran ONM Odeeffateera.
Caasaan tika bilxiginnaa obboleessa Jaal Battee Urgeessaa fi firoota isa waliin hidhamaniin baatii tokko dura nutu ajjeese jedhaatii ragaa ba’aa, nuti ammoo karaa Keeniyaa yookiin karaa buufata xiyyaaraa Booleen maallaqa isinii laannee isin geggeessina jechuun yeroo gaafatan diduu isaanii gabaasnee turre.




