• Tue. Sep 22nd, 2026

Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa fi Galaanaa keessatti lafa qonnaatti loltootni sirnichaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa raawwatan

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Godaannisa uummata Oromoo keessaa bara isaa guutuu hin baane uummaticha irratti dalagaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed bara aangoo isaa keessa  dimookiraasiin afaaniin malee lafa irra kan hin jirre, bakka cufatti murtoo seeraa tokko malee ajjeechaa akka feetee waraana isaan uummata irratti raawwachiisaa oola.

Loltoonni humnaan bakkeewwan hedduu keessaa walitti qabamuun leenjiif mooraa seenanii guyyootaaf turanii bilxiginnaa tiksuuf bobbaafaman meeshaa hidhachifamaniin uummata irraa dhalatan ajjeesaa oolu.

Waxabajjii 18, 2024 Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa fi Galaanaa gandoota Carii Baddeessaa fi Ejersa jedhamu keessatti qonnaan bultootni hojii qonnaa irratti bobbaa’uun jiraatan afur ajjeefamuu ONM’tti himan.

Namoonni loltoota sirnichaan lafa qonnaa isaaniitii ajjeefaman kunneenis

  1. Diimoolee Boruu Ji’oo
  2. Biilaa Mixoo Dharroo
  3. Bariisoo Mijuu abbaa daa’imman 17 fi 
  4. Gumii Uraagoo abbaa daa’imman 10 ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading