ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Araada ilmaan Oromoo hiraarsuu kan qaban tiksitootni paartii bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa ona Limmuu gandoota adda addaatti jiraattota hedduu hidhuu fi saamicha hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Ganda Leemmattii Gootuu jedhamutti waraanni impaayera Itoophiyaa “hidhata WBO qabdu” jechuun namoota hedduu hidhuu, reebuu fi saamuun uummata dararaa jiraachuun himameera.
Namoota maqaan isaanii Obbo Baayisaa Nagaashii fi Obbo Hundee Galataa jedhaman badii tokko malee ji’oota tokko dura kan hidhan yoo ta’u, Obbo Hundeen maanguddoon waggaa 70 badii tokko malee waajjira Poolisii onichaatti dararaa hamaa argaa jiraachuu namoonni keessa beekan dubbatu.
Gandicha keessaa namoota “milishaa taanee qawwee murna gabroomfataa PP hin baannu” jechuun kanneen qe’eerraa buqqa’an namoota maqaan isaanii:
- Obbo Margaa Olaanii
- Obbo Addisuu Shifarraa
- Obbo Darajjee Galataa fi
kanneen biroo hedduun sababa “milishaa hin taanu” jedhaniif qofa erga qe’eerraa buqqa’anii ji’a tokkoo ol ga’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Onuma Limmuu ganda Mukarbaa Dimmaa jedhamu irraa garmalee namoota hedduu qe’ee irraa godaansisuun yakkoota gara jabinaa adda addaa irratti raawwachaa kan jiran ergamtootni bilxiginnaa, qabeenya uummataa saamuun kanneen baatamuu hin dandeenye immoo gubaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbatu.
“Ilmaan keessantu WBO keessa jira” jechuun Waxabajjii 19, 2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tarrafaa Baabuu jalaa saawwan 22
- Obbo Taarikuu Abbabaa jalaa saawwan 9,
- Obbo Asaffaa Abbabaa jalaa saawwan 28,
- Obbo Margaa Galataa jalaa osoo inni qonna qotuu sangoota isaa irraa waanjoo buusuun saawwan 33 fi hoolota 26 jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun eeraniiru.
Gandichatti milishaan maqaan isaa Margaa Gammadaa jedhamu horii fi qabeenya namaa guursisaa kan jiru yoo ta’u, bara Dargiirraa eegalee hanga ammaatti milishaa keessa kan turee fi dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaasisaa turuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Ganda Odaa Lalisaa jedhamu irraa maanguddoo waggaa 60 olii kan ta’an Obbo Qalbeessaa Yaadataa kan jedhaman garmalee reebuun Waajjira Poolisii onichaatti hidhanii dararaa kan jiranii fi dhukkubsachuun hanga ammaatti yaala hin argatin jiru.
Kana malees, onichuma ganda Dagam jedhamu irraa sababii tokko malee dukkaana daldaltootaa itti ejjetanii cabsanii saamuun eerameera.
Namoota maqaan isaanii: Carii Abdiisaa, Faqqadaa Moosisaa fi kanneen biroo hedduu jalaa dukkaana isaanii guutummaatti konkolaataan gara onichaatti fe’achuun maatii Obbo Taganyee Irranaa hunda isaanii hidhanii jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Akka onichaatti, murnoonni bilxiginnaa sarbamni mirga namoomaa hangana hin jedhamne yeroo adda addaatti uummata irratti raawwataa jiraachuunis himamee jira.



