• Tue. Sep 22nd, 2026

Waggaa arfaffaan Weellisaa fi falmaan mirga dhala namaa itti ajjeefame har’a bakkeewwan hedduutti uummata Oromoon yaadatamaa ooleera

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Aartistii Haacaaluu Hundeessaa waggaa arfaffaa akka har’aa kana Waxabajjii 29, 2024 guyyaa Wixataa sa’a 3:30 irratti magaalaa Finfinnee iddoo Galaan Kondominiyeemii jedhamutti kan ajjeefame.

Impaayerrri Haacaaluu nyaattes hanga har’aatti nagaa kan hin argannee fi du’a isaa booda illee gaa’agamni mudate kasaaraa dinagdee fi lubbuun namootaa hamaan qaqqabee jira.

Artist Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa artist qofa osoo hin taane falmaa fi quuqamaa saba Oromoo bara isaa jiraate keessatti bifa wallee fi sagantaalee adda adda irratti carraa argateen roorrifama Ilmaan Oromoo irra ga’u lallabaa tureedha.

Artist Haacaaluun hayyuu haqaa yeroo mara rakkinni hawaasa isaa keessa deddeebi’uun boqonnaa isa dhorku, jabaa sammuu bilisaa kan hanga afaaniin jedhu ga’u nama tureedha.

Ilmaan Oromoon torbee Haacaaluu jedhamuun yaadatamaa kan ture Haacaaluun, guyyaa har’aa kanas Ilmaan Oromoon bakkeewwan hedduutti biyya keessaa fi alatti yaadatamaa ooleera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading