OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Maqaa WBO balleessuu fi akka uummanni Oromoo balaaleeffatuuf jecha murni Bilxiginnaa garee ajjeechaa qindeessuun uummata nagaa irratti bobbaasaa turuun isaa kan yaadatamuudha.
Akka odeessi qabatamaan keessoo isaanii ONM’f himanitti akka godina kanaatti keessaayyuu aanaalee baayinaan WBO’n keessa socha’a jedhaman aanaalee shanan armaan oliitti eeraman keessatti uummanni WBO waliin ta’ee jira, kanaaf tarkaanfii irratti fudhachuufis dafanii odeessa kennuuf, kanaaf falli nuti qabnu WBO fakkeessinee uummaticha irratti namoota hawaasni jaallatu halkan irra ani WBO’dha koottuu gadi ba’i jennee ajjeefnee uummaticha waliin wal jibbisiisuu qabna jechuun bulchitoonni aanaa fi itti gaafatamtoonni waajjira poolisii aanota kanneenii magaalaa Wallisootti mari’achaa turuu isaanii maddeen eeran.
Isaan booda uummatichi ni jibba, nuti ammoo carraa sanatti fayyadamuun caasaa keenya keessatti ijaarrachuu fi salphumatti hawaasa qabachuu dandeenya jechuun mar’iachaa turuu ibsa.
Akkasumas erga kana goonee booda hiriira balaalleeffannaa waamnee uummata bakka biraaf illee nageenyi naannoo keenya akka jiru itti agarsiisuu fi akkasumas uummanni bilxiginnaa waliin akka jiru agarsiisuu qabna jechuun mar’iachaa turuus ibsa.
Akka namni kun jedhutti addatti namoota sabboonummaa qabanii fi ilaacha WBO qaban jedhaman irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa kana raawwachuuf akka jiran illee dabaluun ibsa.
Yaalii isaanii jalqabaanis aanaa Bachoo ganda Leencaa Qashammee jedhamu keessatti Waxabajjii 25, 2024 bulchaan aanaa fi itti gaafatamaan waajjira Poolisii aanichaa waliin ta’uun loltoota isaanii gara ganda sanaatti bobbaasuun halkan irra toora sa’a 2:00 irratti namoota nagaa maqaan isaanii Geetuu Taaddasaa fi Guddataa Haftee jedhaman maatii isaanii biraa nuti WBO’dha koottaa ba’aa jechuun fuudhanii deemuun mana irraa siqsanii rasaasa itti roobsuun ajjeesuun isaanii kan beekamuudha.



