• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti qabeenyi qonnaan bultootaa gubachuun barbadaa’e

Jul 5, 2024

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Uummanni Oromoo biyya isaa keessatti nagaan jiraachuu erga dhaabee waggoota hedduu lakkoofsisus addatti ammoo bara murna bilxiginnaa keessa waan takkaa argee hin beeknetu irratti raawwatamaa jira.

Duula guddaa uummata Oromoo irratti maqaa sakkattaai’nsa WBO jedhuun geggeessaa kan jiran loltoonni PP carraa kanatti fayyadamuun manneen hawaasaa sakkattaa fakkeessuun saamicha erga raawwataniin booda akka saamichi sun hin muldhanneef jecha manichas ibidda itti kaa’uun gubanii barbadeessuun biraa deemu.

Waxabajjii 30, 2024 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii magaalaa Laga Roobii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Mul’ataa Tufaa jedhamu jalaa mi’a mana keessaa dabalatee mana tokko  guutummaatti jalaa gubuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akkasumas guyyuma kana Waxabajjii 30, 2024 nama maqaan isaa Toree Magarsaa jedhamu jalaa ammoo doqdoqqee tokko yoo guban, namoota hedduu irrattis reebicha hamaa raawwachuu jiraattotni kunneen dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Aanichuma ganda Faallee jedhamu keessatti Waxabajjii 29, 2024 barii keessaa sa’a 2:00 irratti dargaggoota lama kanneen maqaan Isaanii Girmaa Dirribaa fi Shibbiruu Mootii jedhaman mana hidhaa magaalaa aanichaa Shinoo keessaa baasuun haala suukkanneessaan hawaasa fuulduratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii sagantaa keenya darbe irratti gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading