ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Lafa duwwaatti gochoota isaan hin ibsine itti maxxansuun uummata nagaa dararuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa kan jiran loltoonni murna bilxiginnaa fi kaabinoonni isaanii sodaa WBO irraa qabaniif jecha gidiraa hammeessanii jiraachuu taateen guyyaa guyyaan raawwatamu ni mul’isa.
Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti ji’a tokkoo asitti namoonni hedduun mana hidhaatti guuramaa akka jiran jiraattotni dubbatu.
Guyyuma guyyaan sodaa WBO irraa qabaniif jecha namoota nagaa hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, namoonni ji’a tokkoo asitti hidhamanii jiran kunneenis maqaan isaanii Iliyaas Ahimed, Aliyyii Huseen, Abdallaa Saanii, shamarree Saamiyaa Bushuraa, Naasiroo Muhaammed, Kamaal Xa’aa fi Sulxaan Ahimed kanneen jedhaman baatii tokkoo oliif waajjira poolisii magaalichaatti hidhamanii murtii seeraa malee gidirfamaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.
Hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru kunis akka magaalichaatti namoota sabboonummaa qaban malee siyaasa keessaa harka hin qabne ta’uus dabaluun ibsaniiru.

