• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo keessaatti Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa diina du’aa fi madoon adabe.

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Jajjabeewwan ilmaan Oromoo WBOn Bobbaa Irbuu Shinniggaa itti fufuun ergamtoota impaayeera Itoophiyaa hawaasa nagaa saamaa, dararaa, ajjeesaa fi gubaatii manneenii raawwachaa jirtu du’aa fi madoon adabuun irraa hiikaa jira.

Akkuma kanaanis qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa jajjabeewwan Zoonii Lixa Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyamaa naannoo Dirree Xiyyaaraatti har’a Adoolessa 3, 2024 tarkaanfii diina ijibaachisu fudhachuun gadoochiisee addaan faffacaasuun kaan ajjeesee, kaan madeessuun meeshaalee garaagaraas irraa hiikuun galii godhee jira.

Lola qindaa’aa WBOn Zoonii Lixa geggeesseen waraana faashistii PP irraa battalatti 16 ajjeesuun 6 irraa madeessee ari’ee fiigsisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Gama meeshaanis hidhannoo qabattee ittiin hawaasa nagaa dararuuf baate AKM 4 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikee galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise ajajaan waraana bilisummaa Oromoo ona sanaa gabaaseera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading