• Mon. Mar 16th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti raayyaan ittisa Impaayera Itoophiyaa tokko tiksitoota sirnichaa ajjeesuun WBO’tti harka kennate

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 4, 2024

Mooraa Bilxiginnaa keessatti wal shakkiin daran dagaagee mul’achaa kan jiruu fi keessattuu waraana sabaan Oromoo fi Amaaraa ta’an gidduutti wal dhibdee hamaan  yeroodhaa gara yerootti mul’achuun walitti dhukaasanii wal ajjeesuu fi gananii bahuun dabalaa dhufeera.

Yeroo ammaa kanas mooraa sirnichaa keessaa waraanni isaa sadarkaa miseensaa kaasee hanga Jeneraalaa, nam-tokkee hanga gamtaan waraana Bilxiginnaa keessaa ganuun abbaan irree tiksitoota ittiin dhaadatu malee hafuuf akka jiru wantootni agarsiisan hedduu dha.

Akkuma kanaan Adoolessa 2, 2024 Godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee magaalaa Ejeree irraa miseensi raayyaa ittisa Impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko tiksitoota sirnichaa irratti dhukaasee battalatti tokko ajjeesuun gariinis madeessee hidhannoo guutuu waliin WBO’tti harka kennateera.

Miseensi waraana Bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayeerattii ta’e kun erga Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’ees simannaan haala gaariin taasifameefii turuu fi innis simannaa kanatti akka baay’ee gammade ajajaan waraanaa onichaa himan.

Dabalataanis ilmaan Oromoo qawwee sirna abbaa irree Bilxiginnaa baattanii uummata keessan hin shororkeessinaa koottaa qabsoo bilisummaa saba keessanitti dabalamaa qabsaa’aa jechuun dhaamsa isaas dabarfateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading