• Sat. Mar 14th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu keessatti dargaggoonni T-shirt Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa uffatan hidhaatti guuramaa jiraachuun beekame

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 4, 2024

Qaroo sabaa roorrifama uummata isaa jibbu sodaa irraa qabaniif jecha erga ajjeesanii boodas dargaggoota yaadannoo waggaa arfaffaa isaa irratti  T-Shirt ykn qomee irratti suuraa isaa hojjechiifatanii uffatan qabanii mana hidhaatti guuruun reebicha hamaa irratti raawwachaa jiru.

Waxabajjii 29, 2024 guyyaa yaadannoo Haacaaluu irraa kaasee Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu keessaa dargaggoonni balleessaa tokko malee hanga har’aatti mana hidhaatti guuramaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan. 

Dargaggoonni maqaan isaanii Tasfaanash Biraanuu, Daanyee Tarreechaa, Tarruu Gonfaa, Urgeessaa Awwaas, Caalaa Gabbisaa, Firaa’ol Girmaa fi Haayilee kanneen jedhaman ganda Buutii Talgoo irraa hidhattoota sirnichaan qabamanii mana hidhaa aanichaatti gidirfamaa jiraachuu jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru. 

Sirni jabaa sabaa galaafate ammas dhaloonni akka isa hin yaadanneef gidiraa hamtuu dargaggoota yaadannoo aartistii kanaaf taasisan irratti raawwachaa jira. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading