ONM-ABO Adooolessa 8, 2024
Duguuggaan Sanyii uummata nagaa irratti jumlaan raawwatamaa jiru hawaasa fayyaalessa hidhannoo hin qabne irratti itti yaadamee sirna abbaa irree bilxiginnaan godhamaa jiruu fi godhamaa ture itti fufuun ammas lammilee nagaa haala hin eegamneen fixaa jiru.
Adoolessa 6, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Xummaanoo Abdii iddoo addaa Gullallee jedhamu keessatti waraanni goolessaa PP namoota nagaa 4 qabee haala suukkanneessaa ta’een ajjeesee gatuun himame.
Erga ajjeesaniin boodas yakka lammaffaa raawwachuun haala duudhaa fi safuu hawaasichaa cabseen maatiin boo’ee akka hin awwaallanne gochuun reeffa isaanii riqicha laga Silmii jedhamu jalatti bishaan keessatti gatanii biraa deemaniiru.
Oduuma walfakkaatuun bakka cufatti nagaa kan hin hojjenne bilxiginnaan aanaa Sulultaa keessattis dargaggoota 4 mana hidhaatii baasuun ajjeesanii bakka dhaloota namoota sanaa hin taane magaalaa Darbaa jedhamutti awwaalan.
Haa ta’u malee, uummanni dallansuun yaa’ee humnaan reeffa baafachuun lafa dhaloota isaaniitti geessanii akka awwaalan maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



