ONM-ABO Adoolessa 8, 2024
Waraanni naatoo tokkollee lammii isaaf hin qabne waa’ee teessuma nam-tokkee tiksuu qofti itti muldhatu bilxiginnaan, waan wal hin fakkaanne walitti harkisuun ittiin siyaasa isaanii fudhachiisuuf yoo yaalan, tarkaanfii kanaan ammoo uummatni dararaa argaa jira.
Akkaatuma kanaan Godina Qellem Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo keessatti isin abbaan manaa keessan WBO’dha jechuun namoota 55 ganda 07 mooraa milishootaa keessatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, akka jiraataan tokko jedhutti Adoolessa 2, 2024 moorichatti dubbiseen ture jechuun dubartootni hidhamanii jiran kun balleessaa kan hin qabne gaaffii tokko malee hiraarfamaa akka jiran hima.
Sirni hidhaan furmaata jedhee akka tooftaatti qabatee jiru kun dubartootni ulfaa kan keessatti argamanii fi hawwan dadhaboo illee hidhaan dararaa jiraachuu dubbachuun, namoota kana keessa kanneen barnoota koolleejii barachaa turuun xumurarra jiran achi keessatti ittisuun guyyaa eebbaaf qophaa’aa jiran kanatti qormaata xumuraarraa dhorkamanii kanneen hiraarfamaa jiran keessatti akka argaman dubbatu.
Haadha manaa Jaal Amansiis Yuuniversitii Koolleejjii Riftivaaliidhaa kan barattu yeroo isheen eebbaaf geessee jirtutti qabuun firii barnoota ishee waggaa sadii irraa ugguranii mana hidhaatti dararaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.











